User talk:Jalle Michael
"Dadar" akkana...
Barreessaa: Afendi Muteki Kan hiike : Jalle Michael
Maqaan isii Dadar ja'amti. Namoonni Itoophiyaa Bahaa beeytan isii ni beeytan ja'eetiin yaada. Yeroo tokko magaalaa "Koonyaa" Waan turteef, maqaan isii gaazexoota irratti mul'achaati ture. Amma garuu dagatamtee jirti. Baayyee dadhabdeeti jirti. (inumaatuu dadadhabde ttejechuun ni salphata). Waggoota digdamman darban keessatti maarshii duubaatiin gadi bu’aa jirti. Akkam garaa nama nyaatti!
Waa'ee magaalaa Ilubabor "Gore" jedhamtu kanaan dura waanan barreesse ni yaadattu? Magaalaa Sidaamoo tan taate Yergalem beektuu?... Lamaanuu magaalaa guddoo kutaa biyyaa turan. Lamaanuu hayyootaa fi gootota gurguddoo biyyaa ta'an horataniiru. Amma garuu jiraachuun isaanii dagatamaa jira. Tan Harargee Dadariis akkas tahaa jirti. Harmee 'Dadar' miskiintittiin nama naasisti.
Haajennuuti "Dadar" tuni eenyu? Seenaa keessatti bakki isiin qabdu maali? Warri isii irraa burqan eenyufaa'i? Mee xiqqoo fallaanaaniin isiniif qooda.
*****
Dachii Harargee keessaa Hospitaalli jalqabaa eessatti ijaarame jettanii yaaddu? Dirree Dhawaa ykn Harar jechuu dandeessu jedheen tilmaama. Haa ta'u malee barruu kana keessatti "Harargee" yeroon je'u naannoo magaalota lamaaniin ala jiru jechuu kooti. Gama kanaan Hospitaalli Dadar umuri-qabeessa taheeti argina. Hospitaala kana kan hundeesse misiyoonota Ameerikaa Mennooniiti. Barri akka lakkoofsa keenyaatti bara 1941 dha.
Madrasaan jalqabaatiis Magaalaa tana keessatti kan baname. Bara 1950moota keessa, yeroo magaalota Harargee hedduu keessatti manneen barnootaa hin jirretti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa sadii qabdi ture. Walakkeessa bara 1950moota keessa manni barumsaa sadarkaa lammaffaa jalqabaa Harargee (kutaa Hararii fi Dirree Dhawaa ala jiru) baname. Kanaaf, bara dheeraaf Dadar ija Harargeeti turte.
Magaalaa Harargee keessaa adda durummaan hayyoota sadarkaa yunivarsiitii irra darbanii sadarkaa biyyaatti beekamtii argatan tan gumaachuu dandeesse Dadari. Fakkeenya haa tuqnu mitii? Gaariidha! Mee muraasa qofaa nmaqaa dhaha.
Yeroo tokko Ministira Fayyaa kan ture Dr Aadam Ibraahimii fi obboleessi isaa Ahmedin Ibrahim (kan itti gaafatamaa Biiroo Haqaa Oromiyaa ture), gara waggaa kudhaniin dura Ministira Deetaa Ministeera Fayyaa kan turan Dr. Damisee Taaddasaa, Walaloo Walleelee Afaan Oromoo barreessuun kan beekkamu nama miidiyaa beekamaa Abdii Mahamd (Abdi Qophee) , kitaaba seer-luga Afaan Oromoo guutuu isa jalqabaa kan barreesse, Dr. Abdusamed Muhammad, hundeessaa Koolleejii nuur Salaamii fi barreessaa kitaabota baay'ee kan tahe dhalataa Hararii Abdul Waasii Mandiidaa, waggoottan hedduuf Buufata Raadiyoo Harar keessa tan hojjate, Gaazexeessituu Alfiyaa Abdulwahaab, miseensa hawwisoo Harar-Goh tan turte haati sagalee Kiloolee Maftuhaa Abbaas fi kkf... Dadar keessatti dhalatan.
Hundeessitoota ABO keessaa tokko kan turee fi ittigafaatamaa damee dhimma alaa tahuun yeroo dheeraaf dhaabbaticha tajaajilaa kan ture Xaha Alii Abditiis ilma magaalattiiti.
Maqaan Dadar je'u yeroo bal’atu araddoota baadiyyaa naannoo magaalattii jiran hunda hammata. Akkaataa kanaan asiin dura "Qaruxee Ali Birraa duuba ture" ja'ee kaniin seenaa isaa seeneesse Walaleessaa fi gaazexessaa jaalatamaa Abubakar Muussaatiis ilma Dadari jechuudha. Waggoota dheeraaf dura taa'aa Mana Maree Ol'aanaa Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa kan turan Sheekh Abdurahmaan Huseen Muudaa dhalataa magaalaa Dadari. Bara 1988 hanga 2008tti Ministira Maallaqaa ta'uun kan tajaajilaa turan Obbo Sufiyaan Ahmad magaalaa "Harawaaca" jedhamtu, tan Dadar irraa fagoo hin tahinitti dhalatan.
Namoota beekamoo Dadar keessatti hin dhalatin garuu jireenya isaanii gar-tokkee magaalattii keessatti dabarsan hedduu maqaa dhahuun ni danda'ama. Yeroodhaaf gaazexeessaa beekamaa Gaash Paulos Nyonyoo fi Million Lammaa, akkasumas weellisaa beekamaa Wagayehu Dagginat kaasuun gahaa ta'a.
Hayyoota magaalattii keessatti hojjechuuf ramadaman keessaa nama siyaasaa beekamaa dhaloota sanii kan ture Dr. Haylee Fidaa ni eerama. Dr. Hayleen qaama tajaajila biyyoolessaa barattoota yunivarsiitiif kennamuu ta’uun waggaa tokkoof magaalattii keessatti barsiisaa ta’uun hojjetaniiru.
Dadar gara waggaa tokkoof (bara 1984) wiirtuu naannoo Bahaa ABO waan turteef, yeroo sanatti dura taa'aa dhaabbatichaa kan turan Galaasaa Dilboo, miseensota biiroo Poolitii siyaasaa ABO kan turan Dhugasaa Bakako , Buruiso Boru fi Tuji Regasaa faa waliin ji'a jahaaf achi jiraachaa turan. Xiqqo isaan dura immoo bakka bu'aa ABO Baha Oromiyaa kan ture Nadhii Gammadaa Dadar jiraata ture.
Hoggantoota Itoophiyaa keessaa Lij Iyaasuu, Hayilasillaasee fi Guwaad Mangistuu Hayilamaariyaam Dadar daawwataniiru. Kan biraa haa hafuuti Itti aanaa dura taa’aa Dargii kan jalqabaa kan turan Lt. Col. Axnaafu Abaate illee jala bultii weerara Somaaliyaa (1969) irratti torbaan tokkoof keessummaa Dadar turan. Yeroo sanatti milishaa kutaa biyyaa kan aanaalee tabbaa Hararge irraa ijaarame, leenjii isaanii hordofuu fi eeybisuuf achi ture
*****
Kinatiin beekamaan biyya keenyaa kan biraa kan ijoollummaa isaa magaalaa Dadar keessatti dabarsees jira. Artistii fi barreessaa beekamaa Tasfaaye Gassase ti. Tasfaayeen naannawa Dadar Mandara "Gooroo Guutuu" jedhamutti dhalate. Garuu umurii ijoollummaa isaa magaalaa Dadar keessatti dabarse. Maatii Abbootii Lafaa irraa kan dhalate Tasfaayeen jaalala warra isaa argachuuf carraa hin arganne. Haati isaa yeroo umuriin isaa ji'a saddeet ta'u duute. Umurii waggaa lamaatti abbaa isaa dhabe. Kanarraa kan ka’e warri guddina isaa kan hordofan qonnaan bultoota Ciisanyummaan lafti maatii isaa itti dabarteedha . Yaadannoo Tasfaayeen Dadar irratti qabu, galmee dhaabbata Siwiidin kan ragaa seenaa magaalota keenyaa walitti qabuun barreeffame keessatti barreeffamee ani arge kana jedha.
Bara 1933tti Xaaliyaanonni yeroo ari'aman magaalattii hin dandamne. Karaa loltoota isaanii jiraattota magaalattii hedduu ajjeesan. Qabeenya isaanii saamanii mana isaanii guban."
Xaaliyaanonni bakka hundatti gocha akkasii hin raawwatan. qabsaa'ota bilisummaatiin bakkeewwan haleellaa hedduun itti raawwatametti gara jabummaadhaan ummata reeban. Qabsaa'onni durii Dadar keessa socho'aa turan suuraa isaanii itti agarsiisan. Hogganaan Qabsa'oota sanaa Girazmach Abarraa Gizaw Sabata ture. Grazmach Abera irra deddeebiin lammii Xaaliyaanii Botoloni irratti duule. Dhumarratti guyyaa hamaavtokkotti harka Xaaliyaanirra kufan. Xaaliyaanonni qabsa'aa durii kana akka baandiitti akka isaan waliin hojjetu kadhatan, inni garuu "koloneeffattoota biyya koo weeraraniin garba ta'uu mannaa du'uu naaf wayya" jedhee deebiseef. Xaaliyaanonni dirre irratti Girazmach Abarra Qooman. Erga isaan ari'amanii booda manni barumsaa jalqabaa magaalattii keessatti banamee maqaa Girazmach Abarraa jedhamuun moggaafame.
*****
Dadar wiirtuu ykn Handhuura Harargee irra qubatte. Harargee bahaa fi lixaa bakka giddu galeessa irratti argamti. Akka caasaa aadaa Oromoo duriitti magaalattiin hortee Oromoo Afran Qalloo keessaa ona "Oborra" keessatti argamti. Haa ta’u malee, teessumti lafaa isii Oromoo Ituu Hararge lixaa fi Oromoota Anniyyaa warreen kibba baha Harargee jiraataniif dhihoo akka taatu gargaareeti jira. Kanaaf maanguddoonni "giddu-gala kutaalee Oromoo sadan Hararge (Ituu, Afran Qallo fi Anniyya) walqunnamsiisu" je'anii yaamu. Wanti nama ajaa'ibu jechi maanguddootaa kun uumamanis kan deggeru ta'uu isaati. Akkam seetan:-
Lagni guddaan Ona Harargee "Raammis" je'ama. "Raammis" laga guddaa Waabii Shebelee sooru. Sululawwan/Yaa'a gurguddaa sadii kanneen Raammis uumantu jiru. Isaanis gaaleettii, burqaa, fi jerjertuu jedhamu. Bakki laggeen kun sadan itti wal argan "Waldaya Raammis" je'ama. Hiikni isaatis "walqunnamtii Raamis" jechuudha. Haa ta'u malee ummanni irra caalaa "Galaan Sedi" ykn "Bishaan Galaan-Sadii" je'ee yaama. Yaa'a ykn galaana Sadeen jechuudha.
Galaanni/yaatuun sadeen kun naannoo tokko irraa kan maddanii miti. Ka'umsi Gaaleettii ona Oromoota "Ituu" irraahi. Burqaan ona Oromoo Afran Qalloo irraa madda. Ka'umsi Jerjertuu Ona Oromoo Anniyaati. Egaa laggeen bakka adda addaa akkasii irraa yaa'antu "Galaan Sadi" ta'u. Bakki laggeen itti walitti makaman "Galaan-Sadi"n magaalaa Dadar tti baayyee dhihoo dha. Namni Dadar gahu sa'aatii tokko keessatti dhaqee arguu danda'a.
*****
Dadar jalqabbii jaarraa 20ffaa keessa magaalaa aanaa turte. Bara Xaaliyaanitti yeroo jaarmiyaan aanaa "Residencia" jedhamu waliin wal gitu hundeeffametti kutaa biyya Harargeetti wiirtuu Awraajjaa Obooraa (Wobera) kan taate yoo tahu Yeroo Xaaliyaanonni ari'aman illee magaalaa Awraajjaa/Aanaa/ taatee hafte. Caasaan kun hanga bara 1983tti ture.
Caamsaa 1983tti to'annoo ABO jalatti kufte. Akkumaan armaan olitti je'e ABO'n gara waggaa tokkoof magaalaa guddoo kutaa Bahaa Dadar godhatan. Waxabajjii bara 1984 ABO'n ADWUItiin bakka bu’e. Sadarkaan magaalattii gara aanaa tokkotti gadi bu'e. Akka jiraattonni magaalattii hedduun jedhanitti ergasii magaalattiin gadi bu'aa jirti. Waggoota digdamii sagal darban keessatti wanti jijjiirame xiqqaadha.
Kunoo Magaalaan tuni nama hirriiba irraa isii dammaqsu barbaaddi. Kanaaf isin warri dhalattoonni magaalaa Dadar taatan magaalaa keessan deebisuuf wal mariisisaa. Nuti immoo maqaa isiitiin taanee yaamicha isii irra daddeebinee dhageeysisna!!
AFANDI MUTAQII
Jalqaba Fulbaana 4, 2006 maxxanfame. Fooyya'ee Onkoloolessa 15, 2013 maxxanfame.
------ Afendi Mutekii, Waxabajjii 2020
- dadar #Harargee #Dedar #seenaa_Oromo #jalle_michael
Your submission at Articles for creation: sandbox (September 24)
[edit]- If you would like to continue working on the submission, go to User:Jalle Michael/sandbox and click on the "Edit" tab at the top of the window.
- If you do not edit your draft in the next 6 months, it will be considered abandoned and may be deleted.
- If you need any assistance, or have experienced any untoward behavior associated with this submission, you can ask for help at the Articles for creation help desk, on the reviewer's talk page or use Wikipedia's real-time chat help from experienced editors.
Hello, Jalle Michael!
Having an article draft declined at Articles for Creation can be disappointing. If you are wondering why your article submission was declined, please post a question at the Articles for creation help desk. If you have any other questions about your editing experience, we'd love to help you at the Teahouse, a friendly space on Wikipedia where experienced editors lend a hand to help new editors like yourself! See you there! ABG (Talk/Report any mistakes here) 03:45, 24 September 2024 (UTC)
|