User:Robel adugna
ትምሕርተ ሐይማኖት መግቢያ በስመ አብ ወወልድ ወመንፈስ ቅዱስ አሐዱ አምላክ አሜን፡፡ Seensa
Amantaa/ሐይማኖት/ je
chi jedhu kan argame jecha gi’iizii‹‹እምነ››amansiise jedhurraa yoo ta’u, Amantaa jechuunis addunyaa isa keenyaan agarruu fii hin muul’anne ykn dhokataa ta’e kan bulchu, kan nyaachisu, kan jiraachisu jira. Innis waaqayyo/እግዚአብሔር/ jedhama jedhanii laphee ganii hin qabneen Amanuu fii amanamuu dha. Ibr.11:1 Waa’ee maalummaa rabbii /ነገረ መለኮት/walumaa galatti barumsi itti barannu ti’ooloojii/theology/ jedhama. Ti’ooloojii jechi jedhu jecha giriikii lamarraa kan argamee dha. Afaan Giriikin<<theos>> jechuun: waaqayyo/God/ jechuu yoo ta’u <<logia>> jechuun Ammoo qo’annaa, beekumsa, ogummaa jechuu dha. Afaan Ingiliiffaan <theology> jedhamuun yoo beekamu, afaan giriikiin garuu <theologia> jedhamuun beekama. Afaan biyya keenyaan DOOGMAA/ ነገረ-መለኮት/ jedhama. Barumsi kun kan qophaa’e amantii/እምነት/ fiseera ittiin bulmaataa/ቀኖና/mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo itiyoophiyaatti kitaaba qulqulluu fi kitaabolii qannoonnaa fi seeraa qulqulloo duuk-bu’ootaa hundeeffachuuni.
Amantaan keenya Tawaahidoo Ortodoksii jedhamti. Ammas jechi Ortodoksii jedhu jechoota jechoota giriikii lamarraa kan walitti dhufee dha.
ሐይማኖት/BARUMSA AMANTAA/
ትምሕርተ
Seerri waaqeffannoo adda haa ta’u malee addunyaa kanarra Saboonni waaqayyoon malee jiraatan akka hin jirre seenaan nu hubachiisa. Kitaabolii qulqulluurrattis/በቅዱሳን መጻህፍትም/raajiin adda ta’e nutti himamee jira. Yeroosaanittis akka milkaa’aa turan seenadhaanis taanan kan mirkanaa’e.
Seera uumamaa /ስነ- ፍጥረት/
Hunda kan danda’u waaqayyoon beekumsasaatiin samiif lafa, Akkasumas wantoota keessatti muul’atan hunda, wanta hin jirrerraa‹‹ካለ መኖር ወደ መኖር››(jireenya dhabuurraa gara jiraachutti fidee uumama ga’eessaa fii jiraataa ta’an, haala ittiin uume kan ittiin barannu <<seera uumamaa>> jedhama. Addunyaan muul’atu kuniifii uumamoonni keessatti argaman, kan ijaan muul’ataniin alas kan jiru ijaan kan hin muul’anne, Akkasumas uumamni hundiniiyyuu eeyyama waaqayyoon uumaman. Seer-uum.1:1 faar.101:25 isa.66:1-2 ibra.11:3 Waaqayyoon jalqabuma biyya lafaa yommuu uumu, wanta omaa hin jirrerraa/duwwaa ta’erraa/wanti walitti fidee hojjatu osaa hin jiraatiin‹‹እምሐበ ኣልቦ ሀበ ቦ >>akkasumatti eeyyamaani fii ta’I jedhee ajajuun dandeettii fii barbaachasaan uume.faar.39:9 2ffaamaqqa.14:10 ogum/ጥበብ/.11:18 hoj-duuk.17:24 ibra.11:3 faar.148:5 Uumamoota keessaa waaqayyoon namaafii ergamtoota kan uume, maqaasaa galateeffachuu fii mootummaasaa dhaaluf yoo ta’u uumamoota hafan garuu tajaajilaa fii qulqullummaa Ykn gammachuu fii bashannana ilma namaaf‹‹ለአንክሮ ለተዘክሮ››f uume.faar.148:1 muul.yoh.4:11 seer-duuk.14:17 room.1:20. Waaqayyoon uumamoota hunda uumee kan xumure guyyaa ja’atti. Seer-uum.1 fi seer ba’uu.20:9 guyyoottan kanatti uumamni uumaman tokkoon tokkoonsaanii osoo lakkaawamanii kan hin dhumne dubbatamanii kan hin xumuramne ture. Garuu amalasaanitiin, haala jireenyasaanitiin bakka guguddoo lamatti(2) ramadamu.kuf.3:9 kan uumamanis gara sadi’iini kunis:- 1. Cal’isuun ‹‹በኣርምሞ››:- amalawwan foonii afran{lafa,bishaan qilleensaa fii abidda}, dukkana, ergamootaafii samii torbani. 2. Dubbachuun‹‹በነቢብ››ifa, xafar, bineensotaa fii bineeldota, fii firiiwwan ta’I jedhee ajajuun uume. 3. Hojiin‹‹በገቢር››nama qofa uume
UUMAMOOTA GUYYAA JA’ANII
1. Uumamoota guyyaa duraa Waaqayyoon guyyaa duraa uumamoota <8> /እምሃበ አልቦ/wanta hin jirrerraa akka jiraatu taasisee; abidda, qilleensa, bishaan, biyyee,dukkana, samii, ergamtootasaa fii ifa uume. Samiiwwan torbatu jiru.faar.18:1 maat.3:17 2ffaaqoro.12:3 yoh.14:2 izra-sut.4:4 Samiiwwan turban baddaadhaa gadi yoo lakkaawaman Tsirhaa-aariyaam‹‹ጽርሃ ኣርያም 5. Iyyoor‹‹እዮር›› Teessoo galatasaa‹‹መንበረ ጸባኦት› 6. Raamaa‹‹ራማ›› fii Semaay wudduud‹‹ሰማይ ዉዱድ›› 7. Eerar‹‹ኤረር›› jedhamu Iyyarusaaleem samii‹‹እየሩሳሌም ሰማያዊት››
1. ጽርኀ አርያም/tsirhaa aariyaam/samiiwwan hundaa olitti kan argamtu. Teessoo mootummaaf akka xafaritti kan tajaajiltuu dha. 2. መንበረ መንግስት/teessoo galatasaa/waaqayyoon fakkiif boca jaalateen/fakkiif ilma namaan/uumamootaaf bakkee itti hin muul’annee dha.garuu;raajota akka isaayyaas,hizqi’eel, yohaannis cuuphichaaf fakkiif moototaatiin muul’atee jira.isa.6:1 hizq.12:6 raa’iy/muul/.4:2 faar.10:4 3. ሰማይ ውዱድ/ semaay- wudduud /kiruubeelirratti hafamee teessoo galatasaaf akka dachee golaatti/እንደ አዳራሽ ወለል የሚያገለግል ነዉ/kan tajaajiluu dha.. akka utubaatti dhaabuun hojjateera. 4. ኢየሩሳሌም ሰማያዊት/Iyyarusaaleem samiirraa/dursa saaxnaa’el kan irraa uumame/argame/fii yeroon booda garuu iddoo irraa godaane dha.muul.12:9 yihu.1:6 guyyaa dhufaatii waaqayyoo/በእለተ ምጽኣት/warren gaarii hojjatan kankan dhaalan,hirtaa fi qooda ijoollee waaqayyoo /የክርስቲያን ሕርስት ናት/.gala.4:4-26 ibr.12:22 yoh:14:2 akkasumas balbala 12 qabdi.ifni balbaloota ishees ija namaaf kan babbareedanii dha.utuboonni ifaas bakaa bakkatti dhaabatee jira. Samii ishee kana kutaa sadaffaa isheetti gara urjiiletiin ifa itti firfirsee jira.golga ifaas/የብርሓን መጋረጃ/ ni qabdi.maqaan duuka-bu’oota 12 niis irratti babarreeffamee jira.iyyarusaaleem samiirraa kanattis waaqayyoon taabota/bultii/iftuu uumee keessa olkaa’ee jira.fakkaattii; bultii haadha waaqaa kan taate qul.dubroo maariyaami ti. Muul.11:19 5. Iyyoor/ኢዮር/ 6. Raamaa/ራማ/ 7. Eerar/ኤረር/sadan kun biyyoota ergamootaa/ኣለመ መላእክት/,idoo jireenyaa ergamootati. Manni kiristaanaa kutaa sadi’iin/መቅደስ፤ቅድስት፤ቅኔ-ማህሌት/ qoqoodamtee kan hojjatamtuuf sababa kanaafi. Guyyaan kun waaqayyoof guyyaa adda ta’ee dha sanbata kabajuun keenyas kanaafi. 2. Uumamoota guyyaa lammataa Uumamaaf guyyaan lammataa guyyaa dafnoo/hojjaa,duraa/ ti.guyyaa kanatti waaqayyoon uumamamoota guyyaa sanbataa uumaman keessaa bishaan; lafaa hanga samiitti guutee ture bakka sadi’itti qoqqoode. isaanis haanos,wiqiyaanoos fii xafari. 1. Haanoos:- 2. Wiqiyaanoos:- bishaan qaama lafaa guutee/golgee/ argamu akka ta’u taasise. daangaan isaas akka kana hin dabarre ajaje. 3. Xafar:-yommuu gara samiitti ija keenya kaasnu isa ol ilaallu dha 3. Uumamoota guyyaa sadaffaa Uumamaaf guyyaan
Qulqulloota ergamoo /ቅዱሳን መላእክት/ Ergamtoonni kan uumaman, uumamaaf guyyaa duraa kan taate guyyaa sanbata guddaatti.kufa.2:6 gurmiidhaan dhibba tookko, magaalan kudhan turan.ergamtoonni ‹‹እምሐበ ኣልቦ››/ከኣምላካዊ ብርሃን ተፈጥረዋል/፡፡aksimaaroos kitaabni jedhame tokko;<<ergamtoonni abiddaa fi qilleensa irraa uumamanii osoo ta’ee akka keenyatti du’anii burkutaa’u turan jedhe. Kitaaba qulqulluurratti hojii isaanin/በግብራቸዉ/ibiddaa fii qilleensan fakkeeffamanii jiru. Faar.103:4 ibr.1:7 Abiddaaf qilleensan fakkeeffamuun isaaniis; qilleensi ariitii guddaa qaba,akkasuma ergamtoonnis ergama isaanii ba’uuf ni ariifatu. Qilleensi kan hin qoratamne,ergamtoonnis kan hin qoratamne. Abiddi ifaa dha,akkasuma arjummaasaanin kan dukkanaa’e kanibsanii dha. 1:.1 Amalawwan ergamootaa/የመላእክት ባህሪያት
Ergamtoonni uumamasaanitiin dhokattoo/ረቂቃን/[kan hin muul’anne]waan ta’aniif foonif lafee hin qaban,hin nyaatan hin dhugan luqa.24:39 Ergamtoonni saala hin qaban, hin fuudhan, hin eeruman.maat.22:30 Yeroo tokko kan uumaman, kan hin baay’anne, kan wal hin horre. Dhukkubbii,du’aa fii dadhabbii hin qaban….bar-bara jiraattota. Lakkoofsa isaanii tokko tokkoon hin lakkaawamu(lakkoofsan hindaangeffamu).muul.5:11
1.2 Hojiiwwan ergamootaa
Hojiin isaanii inni guddaan dadhabbii malee waaqayyo qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu, jechuun halkanii guyyaa galateeffachuu dha. Raaj.isaa.6:3 muul.4:8 Ergamoonni waaqayyorraa gara namaatti fayyina, araarsa fii misiraachoo fi dheekkamaafis ni ergamu. Luq.1:1-26 seer-uum.19:1 2ffaamoot.09.^^^^35 Namoota nageenyi barbaachisu ni eegu. Faar.33:7 faar.90:15 maat.18:10 hoj-duuk.12:7 Yartoota ni faalleffatu. Burqaa fi madda sobaa fi gantummaa kan ta’e diyaabiloos dursa kan faalleffatan ergamtoota ture. Henok.12:3 raaj.13:5 yoh.8:44 muul.12:7. Ergamtoonni nama waaqayyoon walitti ni araarsu/namni waaqayyo waliin walitti akka araaramu ni kadhatuuf/sababnisaaskaajamtoota ijoollee waaqayyoo waan ta’aniif/, kadhannaa ququllootaas waaqayyo biraan ni gawu.muul.8:2 xoob.12:15 waaqayyoon nu warren cubbuudhan makamerra isaanirraa kadhannaa fudhata waan ta’eef. akkasumas nuti hojii fi gidiraa keenyarraa kan ka’e waaqayyo fuuldura dhaabachuu waan hin dandeenyeef araarsaa ni barbaanna. Zakka.1:9-13 luq.1:19 Ergamtoonni namas ni gargaaru/seer-uum.16:7 21:17 1ffaamoot.19:5 namas halkanii guyyaa ni eegu.ilmoon namaa kophaa kophaasaatti ergamtoota lama lama qabu.ergamaan tokko guyyaa inni biraammoo halkan nama eegu. Maat:18:10 Taaajiltoota mana waaqayyoo, yeroo rakkoosaanii ni gargaaru ni jajjabeessu. Hoj-duuk.1:12-24 , 12:1-17 , 27:22-25. Ergamtoonni,nama gaabbii galutti ni gammadu. Luq.15:10 Ergamoonni, kana fakkaatu, dheerinnisaanii hanga kana, bakka akkanaa jiran jechuun hin danda’amu.ijaan kan hin muul’anne/kan bira hin ga’amne/ waan ta’aniif.kan fayyisuu barbaadan dargaggeessan,jaarsan,fi fakkiif adda addaan ni muul’atu.
Waa’ee Ergamoota kabajasaanii hin eeginii Kabajasaan ergamtoota hundumayyuu kan caalu saaxnaa’eel,kabajaafi aangoo waaqayyo keennef irratti kabaja isa caalu/waaqummaa/ barbaadun gidiraa fi of tuulummaa isaatin kabajaan isaarraa yoo ari’amu deeggartoonnii fi duuk-buutonni isaas hundi wajjin gara abidda <<inxoorxoositti>>wajjin darbaman.isa.14:3-20 Aangoof kabajni isaanii irraa fudhatamee erga gad-darbamanii booda seexana ykn diyaabiloos maqaan jedhamu moggaasameef.maqaan isaanis afaan ibraayisxiin<seexana>, afaan giriikin(tsiri’iin)<diyaabiloos>jedhame yoo beekamu hiiknisaas; dogoggorsaa, gufachiisaa, mormituu fi diina jechuu dha. Seexanni yeroo hunda nama ni qora. Gara yaraattis nama oofa/gorsa/,jalqabumaa eegalee lubbuu dabarsaa fi ajjeesa dha.yoh.8:44 seexanoonni waaqayyoof wanta hin ajajamiinif ilmoon namaas waaqayyoof akka hin ajajamnee fii waaqayyoraa akka adda ba’uuf bol’a qotu.kaayyon seexanaa inni guddaan ilma namaa kabaja ofii dhabe dhabsiisu dha.
Amalaa fi fuula isaanii gegeeddarachuunis namoota gaarii raawwatan hunda faalleffachaa jiraata.iyyob.1:6 luq.22:39 garuu namoota waaqayyo amananii fi amantaaf amala gaariin, gorsa abbootitiin kan jiraataniif gaabbii galuun kan deddeebi’aniif diyaabiloos angoo hin qabu. Kanaaf eeyyamuma keenyaan garba/tajaajilaa/ diyaabiloos akka hin taane of haa eegnu!! Yaa’i.4:8 Umamoota isaan kan biraa dubbachuufi/በነቢብ/cal’isuun/በዓርምሞ/ ennaa uumu nama qofa harkasaa qulqulloowwaniin hojjatee jira. Iyyob.10:8 seer-uum.2:7 3.1. አእማደ ምስጢር/ICCITIIWWAN UTUBAA/ W aa’ee iccitii utubaa waliin dubbachuun dura hiikaa<iccitii>fi <<utubaa>>jedhu beekun barbaachisaa dha. A, iccitii/ምስጢር/፡-dhokse,wal jala dabarse ,ykn yaadaa fii jecha dhokataa jechuudha.akkasumas jecha gi’izii <<አመስጠረ (ሰጠረ)>> jedhurraa kan argame yoo ta’u hojii waaqummaa,dhokata afuurummaa, kan hin muul’anne, kan hin beekamne kan amanamu fi kan ajaa’ibsiifamu jechuudha.kana jechuunis ija fooniin kan hin muul’anne garuu ija amantaan kan muul’atu jechuudha.kan biraas Eeyyamafi arjummaa waaqayyoon malee ilmoon namaa ogummaa isaatiin qoratee bira ga’uu fii beekuu kan hin dandeenye jechuudha. Iccitiin kunis: kan uumaafii kan uumamootaa jedhamee bakka lamatti qoodama. 1) Iccitii uumamaa:-kunis iccitii namaa fii iccitii Ergamtootaa jedhamee bakka lamatti qoodama. Iccitii ergamootaa:-namni waa’ee ergamootaa kan beeku waaqayyoon jaalatee fi eeyyamee kitaabota qulqulluun hanga ibseef qofa. /iz.sut:2:21-24/ Iccitii namootaa:-namoonni lapheesaanitti dhoksanii kan qabatan ykn nama lamaafii lamaa ol gidduutti yeroodhaaf dhoksaan kan qabamu yoota’u adeemsa keessa suuta suuta ifa kan ba’uu fii kan hiikkatu akkasumas kan beekamu jechuudha./mat:10:26 2) Iccitii uumaa:-dandeettii humna namaatii ol waan ta’eef Eeyyama waaqayyoon ala kan hin ibsamne. sammuun ilma namaa yaade fii qoratee bira gawuu kan hin dandeenye fagoodha/ረቂቅ ነው/ waan ta’eef jiraachuun waaqayyoo, hojiin waaqayyoo, walumaa galatti iccitii waaqayyoo jedhama. Iccitii jedhamuun isaas:- Hammi nuti beeknuyyuu hanga waaqayyoon nuuf ibse qofa ta’uusaani. Barannee fii beeknee bira gawuu kan hin dandeenye ta’uusaan. keessattuu qorannoo fii ogummaa fooniin,hubachuun kan hin danda’amne waan ta’eef Iccitiin uumaa/waaqayyoo/ kan ibsamu warren amanan kiristaanotaaf qofa ta’uusaani, ykn kan amananii malee- kan hin amannee dhokataa ta’uusaani. B. utubaa/‹‹አምድ››/bu’uurri jecha kanaa afaan gi’iizii yoo ta’u oromiiffaan garuu hiika lama qaba ijaarsa manaaf yoo ta’u,<<Aa’imaad>> jechuun immoo utubaawwan jechuudha Iccitiiwwan utubaa /አእማደ ምስጢር/:-jechuun bu’uura mana kiristaanaa jechuu dha. Sababnisaas manni amantaa keenyaa iccitiiwwan kanaan ala dhaabachuu hin dandeessutii. Iccitiiwwan kunis; Iccitii sillaasee/ምስጢረ ስላሴ/ Iccitii foonummaa/ምስጢረ ስጋዌ/ >> cuuphaa/ምስጢረ ጥምቀት/ >> qurbaanaa/ምስጢረ ቁርባን/ >> du’aa ka’umsaa/ምስጢረ ትንሣኤ ሙታን/ jedhamuun beekamu./1qor.14:19/ Manni utubaa malee akka hin dhaabanne fi hin ijaajjine hunda jiraachuun mana kiristaanaas iccitiiwwan shanan kanaan ala gatiin baasu. Eenyuyyuu amala waaqummaa sillaasee qorachuu fi bira gawuu yoo barbaade daangaa beekumsaa kana darbee beekuu hin danda’u. Kana caalas qorachuu waan hin dandeenyeef, yaada sammuu keenyaa ol waan ta’eef, haguma kana qofa akka beeknuuf waaqayyoon kitaabasaarratti eeyyama. /rom: 12:3 / Sabni kiristaanaas hundi iccitiiwwan shanan kana akka eeyyama waaqayyootti beeku fi warren hin beekne beeksisuun irra jiraata. Akkasumas iccitiiwwan Kun <<aa’imaad>> jedhamuunsaanii akka utubaatti laphee warra amananii Kan jabeessani waan ta’eefi,Faalla’uu fi shakkiirraa Nama eegu waan ta'eefi, Akkasumas manni utubaa hin qabne akkuma of baachuu dadhabee kufu Iccitii utubaa namni amanuun hin bariinifi hin beekin tokko amantaa keessa hin turu hin kufa.harka diinotaattis ni kennama. Hunda dursuunis Iccitii sillaasee beekuun barbaachisaa dha. Akka abbaan keenyaa qulqulluun qeerloos <<hunda dursinee tokkummaaf sadummaa sillaasee barsiisna>> jedhetti. 1//፣1-ICCITII SILLAASEE/ምስጢረ ስላሴ/ Sillaaseen afaan gi’iizii‹‹ሰለሰ›› sadeesse jedhurraa Kan dhufee yoo ta’u Hiikni maqaa kanaas: sadummaa, sadi ta’uu jechuu dha. Lammii biyya qisaariyaa Kan ta’e qulqulluun baasliyoos‹‹እንዘ አሐዱ ሰለስቱ ወእንዘ ሰለስቱ አሐዱ››akkuma jedhettii. Kanaafuu iccitiin sillaasee Iccitii adda taateen, waaqummaa hin qoratamneen, addunyaan dura kan turan, har’as kan jiran, gara fuuldurattis addunyaa/baroota/ dabarsuun kan jiraatan abbaa{አብ}, ilma{ወልድ}, afuura qulqulluu{መንፈስ ቅዱስ} tokkummeessuun, waaqayyo tokko akka ta’an kan nuuf ibsuu dha Gaaffii-1.Sillaaseen meeqa? Deebii-1. Sillaaseen tokkos sadi’isi. Sadummaan isaanii akka maali yoo jedhame ;sadummaan saanii:- 1. Maqaan/በስም/:- yoo jennu abbaan maqaa of danda’u yoo qabaatu abbaan abbaa jedhama malee ilma afuura qulqulluu hin jedhamu, ilmis akkasuma maqaa ilma jedhamuun waamama malee abbaa afuura qulqulluu hin jedhamu, afuurri qulqulluunis afuura qulqulluu jedhama malee abbaa ilma hin jedhamu. Sababanisaas akka tokkummaaf sadummaasaanii wal jala jijjiiruu hin dandeenye maqaasaaniis wal jala dabarsuu hindandeenyu. Kana jechuun immoo:abbaadhan ilma jechuu hin dandeenyu ilmaan abbaa jechuu hin dandeenyu afuura qulqulluunis abbaa ykn ilma jechuu hin dandeenyu 2. Qaaman /በአካል /:- akka maal sadi ta’u yoo jenne; sadansaaniyyuu kopha kophaatti qaama mataasaanii qabu innis abbaa ilma fi afuura qulqulluu jedhamuun maqaan waamaman 3. Hojiin /በግብር /:- Hojiin abbaa dhaluu yoo ta’u Hojiin ilmaa dhalachuu, kan afuura qulqulluu argamuu dha. Hagamuma abbaan ilma dhale jennullee akka barmaatii ilma namaatti osoo hin taane, biyya lafaan dura abbaarraa haadha malee yoo dhalatu addunyaadhan booda garuu ilmoo nama kan taatu haadha keenyaa qulqulleettii dubroo maariyaam irraa abba malee Iccitii guddaa ta’e, qoratamee bira gawuu hin danda’amneen mooraa sa’aa keessatti dhalate. 4. Ta’umsaan /በኩነት / :-sadansaaniyyuu maqaa ta’uumsaa of danda’e qabu:- A. Abbaa= laphummaa/ለባዊ(ልባዊ)/ B. Ilma= jechummaa /ቃልነት/ C. Afuurri qulqulluun=/እስትንፋስነት/ Kanaafuu qaamman sadan sadummaa adda taateen eeyyama isaanitiin Kan barbaadan hojjachuu ni danda’u Akkasumas eeyyamni Isa tokkoo eeyyama Isa biraati, yaadni isaanii hundi kan waliiniti. Kanaafuu maqaan sillaasee jedhu sadaniifuu erga tokko kan waamamuu dha. /ጥበብ፡6፡6፤ሲራክ.3፡22፤ 15፡17 ፤39፡21፤ 44፡10፤ ሄኖክ.5፡38፤ 6፡24፤ 13፡14፤ 17፡17፤ ዕዝ.ሱቱ.4፡5፤ 12፡48/
Tokkummaan isaanii akka maal yoo jedhame :- A. Amalaan/በባሕሪይ/ yoo jennu; akka daa’imni lakkuu dhalatan tokko Hagamuma bifaan wal fakkaatanillee amallisaaniin gar gar ta’an, amalli sillaasee akkasii miti amalli abbaa amala ilmaati /isa abbaan yaadu ilmis ni yaada. Sadummaa adda taateen agarrullee sadummaa amalaa hin qaban. Kanas kan beekuu dandeenyu fknf mootileen aangoo tokko qaban sadi waliin osoo jiraatanii yaadni sadan isaanii gar gar ta’uusaa /inni tokko addunyaa nan uuma yoo jedhe inni kan biraammoo faalleffachuu danda’a/ Sillaaseen garuu akkasii miti.bara biyya lafaa hin uumna jedhanitti, bara ilma nama hin uumna jedhanitti,sadummaaf tokkummaan <<fakkiif boca keenyaan ilma namaa hin uumna/ንግበር ሰበኣ በአርኣያነ ወበአምሳሊነ/>> jedhan malee wal ajajuun miti. Jechi kun tokkummaasaanii qofa osoo hin taane sadummaasaanis ni ibsa, hin uumna jedhan malee nan uuma hin jenneetii. B. Wal qixa jiraachuun/በህልውና/ wal qixa jiraachuusaanii ibsuuf kitaabni qulqulluun dursa waaqayyoon samiif lafa uume jechuun sadan isaanii maqaa tokkoon waama,Akkasumas abbaan ilma dhale jennullee, abbaan ilma dura sa’a tokkollee hin jiru. Iccitii jedhamuun isaas sababa kanaafi. C. Waaqummaan/በመለኮት/sadansaaniyyuu maqaa tokkoon yoo waamnu ‘waaqayyo’ jennaani, sadansaaniyyuu sadummaa adda taateen sadi’I jennuuniyyuu: yaadaan Amalaan/kabajaan/ wal-qixa. D. Eeyyamaan /በፈቃድ/eeyyamni abbaa kan ilmaas kan afuura qulqulluusi mat:1-dhum E. Angoodhan/በስልጣን/abbaan ilma dhalullee abbaan ilma hin caalu afuurri qulqulluunis abbaaf ilmaa gadi miti sadansaaniyyuu aangoo qixa qabu malee. F. Ta’uumsaan/በኩነት/isa abbaan ta’uu danda’u ilmis af/qulqulluunis ni danda’aatii. G. Ajajuu, keennuu, fudhachuunifii k.k.fakkaatuun tokko ta’u. 1. Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu shakkitoonnii fi shakkisiistonni Akkasumas shorarkeessitoonni tokko tokko warraaqsa sobaa saba keessatti faffacaasan keessaa inni tokko Sillaaseen sadi ta’uu dhiisuusaaniitiifi jechoonni asii olitti ibsaman hundi; tokkummaasaanii hin ibsan; jechuusaaniti. Keessattuu<<Nama fakkiif boca keenyaan haa uumnu>> jechi jedhu:-of kabajuuf jecha dubbatame jedhu. Nutimmoo barumsa abbootii keenyarraa arganneen:- Mootichi gibtsii fara’oon:- yooseef aangoosaarratti ennaa shoometti <<…..ati manaa fii bittaa kiyyarratti shoomami Saboonni koo hundi jecha keef haa ajajaman; ani Aangoo koon qofan si caala>>. <<lafa gibtsii hundarratti si shoomeen jira >>jedheen malee <nuti si shoomnee jirra> hin jenneeni sababnisaas namni tokko of kabajuuf <nuti> jedhe dubbachuu waan hin dandeenyeef ./seer-uum:42:39-41/ Mootichi baabiloon naabuukadanatsoor:-<<ani naabuukadanatsoor mana kootti gammadee, gola kootti natti tolee ture .abjuus abjoodhe isheenis na sodaachiste …..kanaaf hiikaa abjuu koo akka naaf ibsan, beektonni baabiloon hundi gara koo akka seenan nan ajaje >> jedhe malee<kara keenyaa akka seenan ajajne> hin jenne./daan:4:4-6/ Mootonni faaris :-mootichi qiroos/izra:1:1-4/fii mootichi daariyoos/izra:6:1-12/ kan dubbiileen dubbatan armaan dura jechoota ilaalleen wal fakkaatu. Kanaafuu kitaaba qulqulluu keessatti mootileen ibsaman ofiisaanii lakkoofsa baay’een <nuti> jedhanii yeroon itti dubbatan jiraachuu dhiisuusaarraa yaadni fii dubbiin <መናፍቃን>/shakkitootaa yoomiyyuu kan omaa hin baasnee fii kan gatii hin qabne/ከንቱና፤ርካሽ/ ta’uusaa hubachuun ni danda’ama. Sillaasee baroota dura eenyutu galateeffachaa ture? yoo jedhame Waaqummaansaanii waaqummaasaanii galateeffachaa ture akkuma har’aa hunda tokkummaaf sadummaan galateeffatamaa turan. Biyya lafaa dursa<<uumamoota uumnerraa galata kan eegannu miti galanni keenyas waaqummaa keenyaa irraa nuuf qophaa’a>>/qale ,<<galannisaa isarraayi >>/qid-yoh/ akkuma jedhetti. 2. Waaqayyo gooftaan akkana jedhee dubbate:-<<namni kophaasaa ta’uun gaarii miti,gargaartuu itti tolu yaa uumnuf>> seer-uum:2:18 <Waaqayyo gooftaan akkana jedhe> jechi jedhu tokkummaasaa, <<gargaartuu yaa uumnuf >>kan jedhummoo sadummaasaanii agarsiisa. 3. Waaqayyo gooftaanis hin jedhe:-<<kunoo addaam gaarif yaraa beekuuf nu keessaa akka tokkoo ta’e>>/seer-uum.3:22/ <Waaqayyo gooftichis ni jedhe>:-kan jedhu tokkummaasaa << nu keessaa akka tokkoo ta’e>> kan jedhummoo sadummaasaat agarsiisa. 4. ……waaqayyos ni jedhe<<kunoo isaan saba tokko, hundisaaniyyuu loqoda tokko qabu. Koottaa hin buuna tokko kan tokkoo akka hin dhageenye loqodasaanii wal keessa haa maknu>>/seer-uum:11:1-11/. <waaqayyos hin jedhe> kan jedhu tokkummaasaa ,<<koottaa hin buuna loqodasaanii wal keessa haa maknu >>kan jedhummoo sadummaasaat ibsa. Iccitii sillaasee kan hin amanne kan hin eebbifamiin mormitoonni/መናፍቃን/ jecha kana dabsanii <<koottaa hin buuna >>jedhee kan waame waaqayyo yoo ta’u, kan waamaman garuu Ergamtoota waaqayyooti jechuun yaada utubaansaa dogongoree dhiyeessu.waaqayyoon waaqummaa isaatiin dhadhabbii kan hin qabne gargaarsa Eenyuyyuu kan hin barbaanne waaqa hunda danda’u ta’uusaarraa kan ka’e kaabii sanaa’oor/የሰናኦር ግንብ/ diiguuf gargaarsa ergamtootaa gaafate namni jedhu kan hin amanne, ganaa ta’uusaaf raga dhiyeessuun hin barbaachisu.
Kanaafuu <<koottaa hin buuna loqodasaanii wal keessa haa maknu>> kan jedhan kan muul’isan qul.sillaasee malee ergamtootasaa ta’uu dhiisuunsaa kiristaanotaaf ifa bayee kan muul’tee dha. Ergamtootasaammaa <<deemaa,kana kana raawwadhaa, hojjadhaa jedhee ajaja malee gargaarsasaanii barbaadee, akkana ykn akkas goona jedhee hin mari’atu/hin gaafatu/waaqummaasaan dadhabbii hin qabuutii.
5. Iccitiin sillaasee nama amantaa guddicha/አበ ብዙሃን (qul-abrahaamiif)/bifa amansiisaa ta’een sadummaaf tokkummaan muul’atee jira. ibsa dabalataan: seer-uum:ilaalaa. 6. Ani waaqayyo gooftaan waaqa abrahaam, waaqa yis-haaq, waaqa yaa’iqoobi./‹‹አነ ውእቱ እግዚአብሔር አምላከ አብረሃም ወአምላከ ይስሃቅ ወአምላከ ያእቆብ››/seer-ba’uu:3:6 Sillaaseen <ani waaqayyo> jechuun tokkummaasaanii, waaqa, waaqa waaqa. Jechuun sadummaasaanii ibsan. 7. <<…….Arjummaan waaqayyoo biyya lafaa guutte. jecha waaqayyoon samiiwwan ijaajjan ergamtoota isaa hunda afuura afaan isaan>>.faar: : Raajichi waaqayyoo qulqulluun daawit :-<<arjummaan waaqayyoo>> kan jedhe waaqayyo abbaa,<<jechi waaqayyoo>> kan jedhe waaqayyo ilma yoo ta’u <<afuura afaansaa>>kan jedhemmoo waaqayyo afuura qulqulluudhaani. 8. <<gooftichi humnisaas jabaa dha. ogummaaf beekumsaasaatiifis lakkoofsa hin qabu>>.faar-146:5 Qulqulluun daawit sararuma kanarratti <<gooftan keenyaa ulfaata dha>>kan jedhe waaqa abbaatifi, <<humnisaas jabaadha>> kan jedhe waaqa ilmaatifi, Akkasumas <<beekumsasaaf lakkoofsa hin qabu>>kan jedhe waaqa afuura qulqulluudhaafi. 9. <<Qulqulluu, qulqulluu ,qulqulluu gooftaa tajaajiltootaa waaqayyo, biyyi lafaa hundi kabajasaan guutamte>> Isa:6:13 Raajichi isaayiyyaas <<qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu>> jechuun sadummaasaanii, <<gooftaa tajaajiltootaa waaqayyo>>jechuunimmoo tokkummaasaanii dubbateera. Qul.yohaannisis galatuma kan raajidhaan argeera.raaj.yoh.4:8 10. <<Afuurri qulqulluun sirra dhufa, humni gooftichaas si golga>>.luq.1:26-35 Argamichi misiraachoo/አብሳሪዉ መልአክ/qulqulluun gabri’eeliin haadha keenyaa qulqulleettii dubroo maariyaamiin yoo misireessu/ሲያበስራት/<<afuurri qulqulluun sirra hin dhufa>>kan jedheen afuura qulqulluuni, <<humni gooftichaa/የልዑል ሐይል/>> kan jedhe waaqa ilmaani Akkasumas;<<humni/ልዑል/>>kan jedhemmoo waaqa abbaatini.
11. <<nan arge kunoo hoolichi tsiyoon ijaajjee ture isa waliinis maqaansaafii maqaan abbaasaa, maqaan afuura qulqulluu addasaaniirratti kan barreeffameef kuma dhibba tokkoof kuma afurtamii afur turan>>muul/ራዕይ/.14፡1 Qulqulluun yohaannis muul’atasaan kan arge maqaa sillaasee ta’uunsaa ifa. 12. <<Egaa deemaatoo <Aahizaabota>hunda maqaa abbaa ilmaa fii afuura qulqulluun cuuphaa kanan isin ajaje hunda barsiisaa duuka bu’oota koo taasisaa>> jechuunis maqaa sadummaasaanii ifaaf ifaan ibsanii jiran. Maat.28:19.
Gilgaala .1
1. Isa armaan olitti ifa jedhame kaawwame/muul’anni yohaannis muul.14:1 irratti arge jedhee kitaabni qulqulluun dubbatu sadummaa sillaasee akkamiin ibsa? Waliin mari’adhaa. 2. Boqonnaalee kitaaba qulqulluu waa’ee sadummaaf tokkummaa sillaasee addeessan keessaa sadi sadi’I ibsuun gaafii akkamiin jedhuuf deebii kennaafii. 3. Sillaaseen, sadummaaf tokkummaan isaanii yoomii qabeet eegale(bara boodamoo, biyya lafaa fii addunyaa dura) kitaaba quln.wal qabsiisuun tokko tokkoon ibsaa.
13. <<egaa deemaatoo saba waaqayyo hin barre hunda/አህዛብን ሁሉ/maqaa abbaa, ilmaafii afuura qulqulluun cuuphaa, kanan sin ajajes akka eegan barsiisaa duuka bu’oota koo /ደቀ መዛሙርት/ taasisaa>>.maat.28:19 Gooftan keenyaa fii qorichi keenya iyyasuus kiristoos jechi cimaan duuka bu’ootasaatif dubbate kun hanga ammaatti kan ibsaman hundaayyuu caala fii kara ifa ta’een iccitii sillaasee kan ibsuu fii kan raggaasisuu dha. Gooftan keenyaa fii qorichi keenyaa iyyasuus kiristoos bakka kan biraattis <<kan na jaallatu yoo jiraate abboomii koo eega,abbaan koos ni jaallata karasaas hin dhufna, isarrattis mana jireenyaa ni tolfanna…….abbaan maqaa koon kan ergu afuura qulqulluu kan ta’e sossobaan/አጽናኝ/inni hunda ni barsiisa, anis kanan isinitti hime hunda sin yaadachiisa>>jedhee iccitii sillaasee addeessee ibsee jira. Yoh.14:21-26.
Dursa abrahaamiif /በዐጸደ መምሬ/seer.uum.18:1- …..boodas yoohaannis cuuphaaf/ለዮሃንስ መጥምቅ/galaana yoordaanositti.maat.3:13-17
Qaamman addaachuun ibsaman sadan; abbaa, ilma, afuura qulqulluu dha. gooftan keenya iyyasuus kiristoos du’aa ka’uumsa isaatinis booda duuka bu’oosaa barsiisummaaf lallabummaan shoomee gara addunyaatti ennaa ergu <deemaatoo biyya lafaa hundatti barsiisaa, ennaa cuuphxanis maqaa abbaa, ilmaa fii afuura qulqulluu jedhaa jedhee hanga ibsutti.maat.28:19 waaqayyo gooftaan gooftotaa amala maqaasaan uuma tokko waaqa tokko/አንድ አምላክ ፤አንድ እግዚአብሔር/ jedhamee waamamaa ture malee hagamiyyuu qaamni muul’ata(view/ገጽ/)sadi’iin argamuu fi muul’atullee abbaa ilma afuura qulqulluu jechuun ifa ba’ee hin beekamne ture. Gooftan keenyaa fii qorichi keenya iyyasuus kiristoos duuka bu’oota isaatin << deemaa biyya lafaa guututti lallabaa ennaa cuuphitanis maqaa abbaa fi afuura qulqulluun cuuphaa jedhee maqaa sadummaa isaanii waamaa akka cuuphanii fii akka barsiisan ajajuusaan maqaa kana ragaa shoomamuu isaanii godhee keennuu isaatin maqaan isaa fi abbaasaa Akkasumas afuura qulqulluu kan barreeffameef warroota cuuphanii fii kiristaanaa cuuphamuuf sadummaa adda taate waaqa tokko jedhanii amanuun ta’eefi. Maat.28:19 muul.14:1 1ffaapheex.1:1 2ffaaqoro.13:14 Sadummaa hojii:-abbaa ilmi fii afuurri qulqulluun kophaa kophaasaanitti qaama qabu. hojiin abbaa dhaluu(አስራጺ፣ወላዲ), kan ilmaa dhalachuu(ተወላዲ), afuurri qulqulluun argamuu(ሰራጺ/ dha. Faar.109:3 fakk.8:25 yoh.16:28 {kitaabota kana sirritti dubbisaa} Sadummaa qaamaa:- waaqayyoon qaamasaan, bifasaan, kan hin jijjiiramne, makaa kan hin qabne sadummaa adda taaten sad’I amalasaanin tokko yoo ta’an qaamanii fi bifaan sadi ta’uusaanis dhokachuu, ofuma isaan isa muul’isuun kan danda’amu bara abbootitti/በዘመነ አበው/kan akka abrahaamif, seer-uum.18:1 boodas kakuu haaratti maat.3:13 irratti ibsee jira. Sadummaan qaama sillaasee akkami yoo jedhame; abbaaf qaama of danda’aa, bifa of danda’aa, miira of danda’e qaba.ilmis afuurri qulqulluunis akkasuma.
Walumaa galatti qaamni sillaasee akka qaama ilma namaa kan daangeffamu miti. biyya lafaa mara kan guuteefi bal’aa jalqabaa fii dhuma hin qabne dha. Faar.138:7 1ffaamoot.8:22[‹‹ከመዝ ይቤ እግዚኣብሕር ሰማይኒ ወንበርየ ወምድርኒ መከየደ እግርየ የአየኑ ቤተ ተሐንጹ ሊተ ወአየኑ ማሕደረ ለምእራፍየ›› raaj.isa.66:1. Walumaa galatti ilmi ilma waan ta’eef abbaa fi afuura qulqulluu booda hin argamne,abbaanis ilma afuura qulqulluu dursee sekondii tokkollee hin turre. Afuurri qulqulluunis abbaaf ilma dura ykn booda hin jiru. Sadan isaanii wal qixa jiru malee.
1.2-ICCITII foonummaa/ምስጢረ ሥጋዌ/
Iccitiin kun waa’ee waaqayyoon nama ta’uusaa fii qaamolii sadan keessaa ilmi/ወልድ/ gara lafaa dhufuun qaama isaa kan adda ta’een haadha keenya qul.dub.maariyaamii irraa foon isheerraa foon, lubbuu isheerraa lubbuu qoodatee haala inni itti nama ta’e kan nu hubachiisudha. Jechi foon ta’e,nurras bule.Yoh.1:1-5 fi lakk.14 barichi dhumaa yommuu ga’etti waaqayyoon ilmasaa tokkicha erge dubartiirraayis dhalate.gala.4:4 qulqulloon duuk-bu’oonni akka nu barsiisanitti maqaa ta’uumsaan/በከዊን ስም‹በመሆን ስም›/jecha›› jedhame kan waamamu ilmi amalummaa waaqayyo abbaa/የዕግዚአብሄር አብ የባህሪይ ልጅ/ dubroo maariyaamiirraa nama akka ta’e kan beekamu.kana jechuunimmoo amala namaa, foonifii lubbuu iccitii hin qoratamneen akka uffatee fii akka <tawaahaade> nu hubachiisa. Tawaahidoo jechuun:qaama lamarraa qaama tokko, wanta adda ta’e lamaa fii isaa olirraa walitti dhuferraa wanta guutuu/nama/guutuu tokko jechuu dha. tawaahidoon akka walitti makaa/wal nyaatinsa/ bishaanifii zayitaa,baaqelaaf xaafii fi k.k f kan addaan baba’u ykn addaan qoqoodamu miti.wanta baay’erraa guutuu tokko jechuu dha malee. Jechi waaqayyoo/ilmi/dhaloota lama qaba. 1:,,-Biyya lafaa dura haadha malee abbaarraa 2-adaddunyaan booda bara kuma shaniifi dhibba shaniin booda dub.maariyaamii irraa abbaa malee dhalateera. Waaqayyo gooftan nama ennaa ta’etti namnis tawaahidoodhaan waaqa ta’ee jira. iccitii guddaa kanaanis gatiin jechaa foonif, gatiin foonii jechaaf ta’e sababa kanaaf bara dura qaama abbaa isaarraa qaama, amalasaarraa amala/ቅድመ አለም ከአብ አካል ዘእም አካል፤ባህሪይ ዘእምባህሪይ/qoodatee kan dhalate jechi waaqayyoo ilmi addunyaan marti erga uumamee booda/ድሕረ ዓለም/foonin qul.dub.mariyaamirraa waan dhalateef ilma maariyaamii jedhamuu gatii ofii taasise. Barumsa iccitii sillaasee keessatti waaqayyoon qaaman sadi waaqummaasaan tokko/በአካል ሶስት በመለኮት አንድ/ akka ta’e ilaallerra. Iccitii foonummaa(namummaa)tinis waaqummaan tokko jennee qaamota amannu sadan keessaa qaamni tokko waaqni ilmaa qaamasaa adda ta’een/እግዚአብሔር ወልድ በተለየ አካሉ በቃልነቱ ከዊን/haala ta’uumsa jechaatin/nama ta’e malee waaqummaasaatin qoqqoodama hin qabu/ተከፍሎ የለበትም/qola.2:9 Waaqayyoon qaaman sadi, waaqummaan tokko waan ta’eef qaamman sadan keessaa tokko nama ta’e jedhamullee humni waaqayyoo/መለኮት/tokkichi bakka sadi’itti adda hin qoodamu ykn sadan isaaniyyuu nama ta’an nama hin jechisiisu hin jedhamus. Kanaafuu iccitii sillaasee keessatti kan ilaalle iccitiiwwan ta’uumsaa/የኩነታት ምስጢር/sirritti hubachuun barbaachisaa dha. Abbootiiwwan keenya qulqulloon duukabu’oonni akka nu barsiisanitti armaan gaditti jechoota ibsamaniin waaqni ilmaa qaama adda ta’een jechummaa ta’uumsaan/በቃልነቱ ከዊን/qulqulleettii dub.maariyamiirraa foonifi lubbuu akka tawaahade/እንደ ተዋሐደ/ni hubanna. 1ffaa .lubbuun qaamasheen bakka sadi’itti kan adda hin baane tokko yoo taatu ta’uumsa sadi/3ከዊን/qabdi. Isaanis:- Laphummaa/ለባዊነት/ Jechummaa/ቃልነት/ Afuurummaa/እስትንፋስነት/ qabdi. Laphummaa isheetin abbaa Jechummaa isheetin ilma Afuurummaa >> afuurri qulqulluun ni fakkeeffamu. Namni tokko yaadasaa ibsachuu ennaa barbaadetti jechummaan lubbuu foon arrabasaa waliin <tawaahadee>sagalee kenna.tokkummaa’uu humna dandeettitiinis yoo ilaalle lapheefi afuurarraa adda hin baasnu. Laphee, jechiifi afuurri tawahaadanii yommuu jiran sadan keessaa jechi qofti arraba foon keenyaa tawaahadee yeroo muul’atettii fi sagalee dhageechisetti ta’uumsi jechummaa/የቃልነት ከዊን/ kun afuurummaa fi laphummaa gara jechummaatti jijjiiruu hin danda’u.kanaafuu qaamman sadan keessaa qaamni tokko waaqni ilmaa qaamasaa adda ta’een ta’uumsa jechummaan nama yoo ta’u, jechi nama ta’uun humna waaqayyoo/መለኮትን/bakka sadi’itti qooduu hin danda’u. abbaa fi afuurri qulqulluun nama ta’an jechuu nama hin dandeessisu. Gara hambiraatinis lubbuun keenya sadummaa qabdi;ykn waan sadi irraa uumamte. Isaanis:-laphummaa,(ለባዊነት) :-bar-barummaa(ሕያውነት) :-dubbachuu danda’uu(ነባቢነት)dha Kanaaf lubbuun keenyas akkuma waaqayyootti tokko taatullee maqaa ta’umsaa/የከዊን ስም/sadi,qaama fi hojii ta’uumsaa sadi qabdi jechuu dha. Kana jechuun immoo nutillee qaamafii bifa sillaasetiin uumamuu keenya nuuf ibsa jechuu dha. Akkasumas lubbuun keenya amalawwan; laphummaa, bar-barummaa fi dubbachuu danda’ummaa ishee osoo hin gallakkisin akkuma jirtutti foon tawaahaduun akkuma jiraattu hunda, jechi qaama ilmis qaama adda ta’een{ta’uumsa jechummaatin}bal’inasaa, fagaachummaasaa/ስፋቱን፣ርቀቱን/bar-bara jiraachusaa fi waaqummaasaa osoo hin gallakkisiini fii osoon jijjiirin foon dubroo maariyamii tawahaadee jira. 2ffaa.Aduun/biiftun/ qaamnishee tokko yoo ta’u haala ta’umsaa/ኩነታት/sadi qabu.isaanis ;geengoo,ifaa fi hoo’a.
Geengummaa isheen:-abbaa Ifa isheen:ilma Hoo’ina isheetin immoo afuurri qulqulluun ni fakkeeffamu
Sababa kanaaf ifti geengummaa fi hoo’ina ishee waliin osoo jiruu mo’oo ijaa/ብንተ ዓይን/ waliin tawahaada. Tawaahidoo isaatinis mo’oon kan fagoo fi dhiyoo hunda akka agarru nutaasisa. Ifti kun mo’oo ijaa waliin wal tawahaadun geengof hoo’ina haala ta’uumsaa isaanitirraa gara ifaatti hin jijjiiru, ykn biiftuu bakka lamaa fi sadi’itti hin qoodu. Akkasumas jiru fi ifti addunyaa jechi waaqayyoo foon ennaa tawahaadetti tawahaaduun isaa humna waaqummaa/መለኮትን/akka qaamotaatti bakka sadi’itti hin qoqqoodu. Sababa kanaafis jechi arraba, ifti mo’oo ijaa, wajjin yommuu tawahaadan osoo wal hin leyya’iin/ሳይጠፋፉ/tawahaadanii waliin jiraata malee tokko tokko hin shaaru, tokkos tokko hin jijjiiru. Armaan dura akkuma ibsame tawaahidoon jecha fi arrabaa, ifaa fi ijaa akka zayitaa fi bishaanii miti.tawaahidoon isaanii akka foonifi lubbuuti malee. Yoh.1:1-15 irratti <<jechi foon ta’e>> yommuu jennutti tawaahidoon qaamaa fi humna waaqummaa/መለኮት/ akkuma sila dura ibsametti akka tawaahidoo ijaafi ifaa, arrabaa fi jechaati. << jechi foon ta’e>> ennaa jedhamus ta’umsi kan lachuutiyyu waan ta’eef <foon jecha ta’e> jechuus akka ta’e hubachuun qabna. Jecha kan jedhame;humna waaqummaati. Foon kan >> ;namummaa/ትስብእት/ dha. Iccitichi ifa ba’ee yoo dubbatame jechi foon waliin,foon jecha waliin tawaahidoodhan qaama tokko amala tokko ta’e jechuu dha. Amantaan keenyallee tawaahidoo jedhamuun kanarraa ka’eeti.
Akkasumas fakkeenya armaan olitti waa’ee tokkummaaf sadummaa/ta’umsa lubbuu/ keenyaa kaafamerratti;lubbuun qaamasheen tokko ennaa taatu ta’uumsa sadi qabdi. kunis laphee,jechaa fii afuura ta’uu dha. Ta’uumsi laphummaa ishee jechaa fii afuura argamsiisee beekumsa ta’aaf. Ta’uumsi jechummaa ishees ta’uumsa laphummaarraa argamee foon arraba keenyan tawahaadee dubbii fi sagalee dhageechisa. Ta’uumsi afuurummaa ishees lapheerraa dhufee afuura{qilleensa} seensisuu fi baasun jireenya ta’a.
Ta’umsi sillaases akkasuma, tokko Kan ta’u amalli humna waaqummaa /ባሕርየ መለኮት/ taumsa/ከዊን/sadi waan qabduuf,ta’umsi laphummaashee abbaa dha. Abbaan/አብ/ ilma <jecha> jedhame haadha malee dhalee, <afuura> kan jedhame afuura qulqulluu argamsiisee; ofiisaaf,ilmaafii afuura qulqulluuf beekumsa ta’a. Ta’umsi jechummaa ishees ilma. Ilmi/ወልድ/abbaarraa dhalatee ofiisaafi abbaaf afuura qulqulluuf dubbii/ንባብ መሆን ነዉ/ta’uu dha. Ta’uumsi afuurummaa ishees afuura qulqulluu dha. Afuurri qulqulluun ta’uumsa afuurummaasaan laphee erga jedhamee, abbaarraa argamee/ከአብ ሰርፆ/ofiisaaf,abbaa fii ilmaaf jireenya ta’uu dha. Walumaa galatti haalli ta’umsaa ilmaa abbaaf,kan abbaammoo afuura qulqulluuf ta’uu hin dan da’u ykn haala ta’uumsaa wal makaa Akkasumas kophaa kophaatti qoqqooddii humna waaqummaa adda adda/የተለያየ የባህሪይና የአገዛዝ መከፋፈል የላቸዉም/ta’e hin qaban,tawaahidoodhan jiraatan malee. Gilgaala . 2 1. Sababni haalli ta’umsaa/ከዊን/ abbaa ilmaaf, kan ilmaa afuura qulqulluuf hin ta’iinif waliin mari’achuun deebisaa. 2. Abbaa, ilmaa fii afuura qulqulluu keessaa kamtu dura ture?(tokko tokkoon ibsaa)
Sababuma kanaaf qulqulluun wangelaawichi Yohaannis;<qaama malee amala waaqummaa hin tawahaadne> akka hin jenneef maqaa qaamni ittiin waamamuun<ilmi foon ta'e>osoo hin jedhiin of eeggannoon qaamni amala ta’uumsaan maqaa ittiin waamamuun<jechi foon ta’e>kan jedhe, amala waaqummaa erga tawahaadee sadanuu nama ta’an nama jechisiisa akka hin jedhamneefis maqaa ta’uumsaa abbaa fi afuurri qulqulluun ittiin waamaman:laphummaa fi afuurumman adda baasee ilmi qofti maqaa ta’umsaa ittiin waamamuunjechi foon ta’e jedhe.yoh. 1:04
Jechis qaama abbaa fi afuura qulqulluurraa haala ta’umsaan kan adda taatu, jiraachummaan/በህልውና/ ishee kan beekamee ta’uusaa ibsa armaan oliitin ni hubanna. qaama jechuun maal jechuu dha? qQaama/አካል/:-jechuun rifeensa mataa keenyaa irraa hanga qeensa luka keenyaa kan jiru jechuu dha. Akkasumas lafeen,foonin,gogaa qaamaan kan wal qabate qaama fii bifa sirrii/ፍፁም ገፅ ፍፁም መልክ/ kan qabu lubbuun kan tawahaadde abbummaa amalaa,maqaa fi hojii ti. qaama jedhamuun waaqayyoofis namaafis ni dubbatama. Waaqayyoof ennaa dubbatamu:/አብኒ ፍፁም በአካሉ ወበመልክዑ ወበገፁ፤ወልድኒ ፍፁም በአካሉ ወበመልክዑ ወበገፁ፤መንፈስ ቅዱስኒ ፍፁም በአካሉ ወበመልክዑ ወበገፁ/jedhama.namaafis ennaa dubbatamutti/ወኢአካልየ በመትህተ ምድር ወአካልየኒ ወኢከመ ምንት በቅድሜከ /jedhee akkuma qulqulluun raajichi daawit dubbatetti. faar.38:5 fi138:15 amala dhaabataa jechuun maal jechuu dha? Aamala dhaabataa/ባሕርይ/:-jechuun hundee qaamaa,meeshaa qaamni dalagaa(hojii)isaa ittiin hojjatuu dha. Kanaaf qaamni amala malee,amallis qaama malee kophaa isaa hin ijaajju ykn hin jiraatu.qaamni fii amalli dhaabataan akka mukaa fii baalatti,akka biqiltuu fi hundeetti wajjiniin jiraatu. Fkn1 bishaan qaamas amalas qaba.qaamni isaa ubboo[birciqqoo]tti kan guutamu,amalli dhaabataan isaa garuu jiidhinsa isaati. Abbaan keenya addaam amalawwan foonii,<bishaan,ibidda,qilleensa fii biyyee lafaarraa uumame> ennaa jennutti qaamas akka qaban dubbachuu keenya akka ta’e hubachuun nurra jira. Fkn2 Ibidda;-qaamni ibiddaa qoraan irratti haallun ennaa boba’u ni muul’ata amalli isaas gubuu/ውእየት‹መፋጀት/dha. Fkn3 lafa/biyyee/qaamni isaa guddatee muul’ata,salphatti harkaan qabamuus ni danda’a.lafaaf raga baay’en hin barbaachisu.amalli dhaabataan isaas goggogummaa,hoo’ina/ፅሉም፤ዉኡይ፤ይቡስ ነዉ፡፡/ Fkn4 qilleensa/bubbee/qaamni isaa fagoo kan hin qoratamne.mukkeen ennaa raasu,galaana ennaa qoodu,bishaan ennaa qoodu kan beeknun ala ijaan hin muul’atu.amalli dhaabataan isaa garuu goggogiinsa,qorrina/ጽሉም፤ይቡስ ፤ቆሪር ነው፡፡/walumaa galatti qaamni hojjataa/hojiitti hiikaa/,amalli/ባሕሪይ/hojjisiisaa ta’uusaa fi amalli dhaabataan kun qaama ta’uu,amalli immoo qaama ta’uu akka hin dandeenye hubachuu qabna.akkasumas jechaaf abbaaf afuura qulqulluurraa adda kan gootu qaama of danda’e qaba.amalli dhaabataan/ባሕሪይ/ isaani fi humni waaqummaa/መለኮት/ garuu tokko.
Iccitiin ta’umsaa kun sillaasen/ንግበር ሰብአ በአርአያነ ወበአምሳሊነ/jechuun tokkummaaf sadummaa isaanif fakkeenya godhaniin ta’uumsa lubbuutin ni beekama. Waaqayyoon nama ta’uu maaf barbaade?
Sababni waaqayyoon nama ta’uu barbaadef beekuuf seenaa uumama dhala namaa qorachuuni fi beekun barbaachisaa dha. Dursuma seera uumamaa keessatti sila akkuma beeknutti, waaqayyoon addaami fi heywaan amalawwan foonii afranii fii amalawwan lubbuu sadan/ከአራቱ ባህሪያተ ስጋና ከሶስቱ ባህሪያተ ነፍስ ፈጥሮ/ irraa uumee afuura qulqulluun kabajee, ilmummaan bareechee samii gaditti ija balasaa/እጸ በለስ/takkaan ala hunda bitaa,hunda nyaadhaa,dhugaa, uumamani hundumti isiniif haa ajajamu,jechuun biyya gammachuu gadi hin jirre <gannata> keessa jiraachise. Abboomii isaa eegan bara kuma baay’ee jiraatanii afuura qulqulluun haaromfamanii mootummaa isaa akka dhaalan,abboomi isaa ennaa diiganitti garuu duuti du’aa/የሞት ሞት እንደሚፈረድብቸዉ አስጠነቀቃቸዉ/ akka itti faradamu akeekkachiisee biraa sokke. Ija balasaa sana akka hin nyaanne kan dhowweef dhowwachuu fii jibbuu barbaade miti. Bittummaa isaa,bitamummaa isaanii akka beekaniifi, kan biraas dhowwuun isaa akka du’a du’aa hin duunefi.seer-uum.2:07 akkasumas tsooma/ጾምን ሲያስተምራቸዉ ነዉ/ barsiisufi. Addaamif heywaan waggaa torba seera waaqayyoo eeganii ijoollummaadhan turanii,ifa uffatanii gammachuun gannatii keessa jiraatan.guyyaa tokko garuu seexanni bofarra buluun<<ija balasaa kana nyaattanii jennaan akka isaatti waaqa taatu>>jechuun wanta tsoomaa jedhaman ija balasaa dogongorsuun nyaachise.isaanis gorsa diyaabiloosin deemun waaqummaa barbaadanii abboomii waaqayyoo cabsuun ija balasaa sana yommuu nyaatan uffanni isaanii ifaa sun irraa harca’e. ijoollummaa sillaasee irraayis adda ba’an. ‹እግኢአብሔርሰ ኢገብረ ሞተ አላ ረሲኣን ጸዉእዎ በቃሎሙ ወአምስልዎ አርከ› waaqayyo garuu du’a tasuma hin uumne.namoonni abboomi fi seera isaa Eeguu didan waamatanii hiriyeeffatan malee. Du’a isaan irratti hin uumamiin eeyyama isaanitiin harkisanii ofitti fidan.du’a foonii irratti duuti lubbuus itti faradame. Ogum/ጥበብ.1፤13-17/ ሮሜ.5፤14 የተፈረደባቸዉ ስለ ሶስት ነገር ነዉ፡፡kunis:- 1. Waaqayyoon dursuma ilma namaa yommuu uumu qulqulleessee,eebbisee fii of fakkeessee qaama fii lubbuu guutuu Akkasumas sammuu gaarif yaraa adda baasee beekuu danda’u waliin kenneefii uumee ture.isaan garuu gorsa diyaabiloosin, eeyyama isaatiifis bitamuun warroonni ajajdoota turan ajajamaa saaxnaa’el ta’uun du’a bitatanii jiru. 2. Abboomii isaa(waaqayyoo) yoo eegan jiruu bara baraa,yoo eegu baatan du’a du’aa akka du’an waadaa waan qabanii fii eegu dadhabuun waan diiganiifi. 3. Aangoo waaqayyo kenneef irratti aangoo kabaja waaqummaa isaa barbaaduu isaanitiifi. Waggaa torba gannatii keessa erga turanii boodas gara lafaatti ari’aman, uumamoonni isaanif ajajaman hundi <hin ajajamnu>jechuun akka diinaatti ilaaluu qaban.gara laafummaa fi arjummaa waaqayyoo Kan beekan addaamif heywaanis waggaa dhibba guutuu gaddinaa fiimimmaan buusanii boo’un gaabbi galan.uumama isaatti gara jabaatee kan hin jabaanne waaqayyoon gaabbii fii boo’icha isaanii ilaalee guyyaa shanii fi walakkaan booda ilmoo ilmoo keetirraan dhaladhee si fayyisa jechuun abdii kenneef/qul.qaleeminxoos/addaamis abdii kana ijoollee isaatti hime.ijoollen isaas raajii dubbachaa waggaa lakkaawaa abdii isaa eeggachuun turan. Addaam irraa hanga bara iyyasuus kiristoos dhufuutti namni hundi du’aa fii yakkaaf bitame. Guyyaa shaniif walakkaa kan jedheefis barri kumni tokko waaqayyo biratti akka guyyaa tokkootti waan taatefi./faar.89:4 2ffaaphex.3:8 siraak.24:6/
Akkuma dursa waadaa galeefitti waggaa kuma shaniif dhibba shaniin/5500/booda kandubbate kan hin irraanfanne waaqayyoon baroota jedhe keessaa bara tokko,sa’aatiirraa sa’aatii tokko, guyyaarraa guyyaa guyya tokko osoo hin hir’isiin bara yohaannisitti, ji’a maggaabitii29, guyyaa dilbataa/እሁድ ቀን/, sa’atii sadi’tti(3) daqiiqaallee osoo hin dabarsiin isatti kan amanan hundi akka fayyinaa fi jiruu argatan; bara dura haadha malee abbaarraa akkuma dhalate bara booda immoo qaama isaa adda ta’een abbaa malee haadha keenya yeroo hunda dubroo taate qulqulleettii dubroo maariyaam irraa foon isheerraa foon, lubbuu isheerraa lubbuu kaasee tawahaadee/isaay.7:14, hizq.44:1-2/ garaa ishee keessa ji’a sagaliif guyyaa shan bulee bara maatewoos taahisaasii29 guyyaa lammaffoo halkan walakkaatti dhalate.
Biyya lafaa ta’uumsa maqaa jechummaa isaan uume iccitii dinqisiisaan qaama ofiisaan uume uffatee fayyise.kabajni isaaf haa ta’uutii bara dura/ቅድመ አለም/ abbaarraa dhalachuun ilma abbaa /የአብ ልጅ/ jedhamuu akkuma qarshii ofii taasise,foon dub.maariyaam uffatee bara boodas/ድህረ አለም/ilma namaa(ilma maariyamii)jedhamuu tawaahidoodhan qarshii ofii taasise. Foon tawaahidummaa Jechaatin waaqa jedhame/ስጋ በተዋህዶተ ቃል የባህሪይ አምላክ ተባለ,ለአብም የባህሪይ ልጅ ሆነ/ Gooftan keenya iyyasuus kiristoos dhaloota/ልደታት/ lama qabaachuu isaaf raga maal qabdu? Gaara Yoordaanositti/በዮርዳኖስ/, dabra taaboritti/በደብረ ታቦር/<<kun ilman jaalladhu barumsa isaa dhagahaa>>jechuun ragaa ba’eefitiin wajjin sirritti kan wal simatuu dha.maat.3:05-07 mamaat.07:0-5 Ilma abbaa akkuma jedhamu ilma maariyaamis jedhamuu isaatifis dhaloota lama qabaachuu isaa hubanneerra.luqa.1:1-dhumaatti. Qaamottan sadan keessaa ilmi qofti maaf dhalachuu danda’e? Abbaa fi afuurri qulqulluun osoo dhalatanii ta’ee, amalli maqaa isaanii,/የባህሪይ ስም/ amalli hojii isaanii/የባህሪያቸዉ ግብር/ wal-jala dhahama(wal borca፣ይፋለስ ነበር) ture. Dhalaan abbaan dhalataa, dhalatan ilmi dhalchaa, afuurri qulqulluunis argamsiisaa osoo ta’anii maqaan amalummaa isaanii,Hojiin amala waaqummaa isaanii wal-maka ture. Akkana akka hin taanef waaqayyoon beekumsi amala isaa ta’e eeyyama fii barbaacha sadan isaanitiin ilmi maqaa amalummaa isaan,amala hojii waaqummaa isaan hojjachuuf gara lafaatti dhufee nama guutuu ta’e/ፍጹም ሰው ሆነ/፡፡እብ.4፡15. Akkuma dursa iccitii sillaasee keessatti hubannetti sillaasen/waaqayyoon/qaaman sadi, waaqummaan garuu tokko ta’uu hubanneerra.iccitii foonummaa kana keessattis waaqni ilmaa qaama sadan keessaa qaama isaa adda ta’een, ta’umsa jechummaa isaan nama yommuu ta’us waaqummaa hin shakkamneen/በፍጹም መለኮቱም ስጋን ተዋሃደ/nama sirrii ta’e jenna malee waaqummaa isaan qoqqoodama hin qabu.qola.2:9 Waaqummaa isaa Foonin dhoksuun isaa/መሰወሩ/gochaaf raajiiwwan isaa diinichi diyaabiloos ilaalee akka hin sodaannefi hin rifanneefi. akkuma namaatti akka itti dhiyaatu fii diina keenya isa durse(seexana) jechootan gorsuu fi deebii quubsaa ta’een ofirraa deebisuu fi qaanessuu akka dandeenyu nubarsiisufi. Gooftan keenya iyyasuus kiristoos seexanni waaqummaa isaa akka hin barre maaf barbaade? Abbaan keenya addaam dursuma ennaa dogoggoru diinni isaa seexanni qaama isaan gara isaa/addaam/ dhaqee ifaaf ifaan <ani seexana>hin jenneeni ture, Akkasumas seexanni qaama bofaa uffatee bofarra bulee akkuma dogoggorsiise waaqayyoon ammoo seexanni osoo waaqummaa isaa hin beekin foonin mooksee ilma namaaf haaluu ba’uufi/ሰይጣንን ሊበቀለው ነው/.akkasumas bara kakuu moofaa guutuu seexanni ilma namaa bittaadhan kan du’e foon isaa awwaalatti,lubbuu abidda si’oolitti itti taphachaa ture.sababa kanaaf iyyasuus kiristoosis foon seexanni tuffatee itti taphachaa ture kana ogummaasaa dinqisiisaan akkuma amala namaatti du’ee, lubbuu isaan gara si’oolitti ennaa deemu seexanni argee nama dadhabaa itti fakkaatee itti dhiyaannan akka hojii,dandeettii waaqummaa isaatti seexana abiddummaa isaan gubee si’oolidhaa ari’uun warroota abidda si’oolitti gubachaa turan,warroota uumamuu isaanin abdii kutan hunda guyyaa hin yaadnetti dhufuun gara ifa bara baraa/gannatiitti/baase. guyyaa sadaffaattis bool’a awwaallamerraa du’a injifatee ka’uun foon ilmoo namaa kabajuun erga ka’ee boodas foon namaa lafatti osoo hin dhiisin gara samiittis fudhatee akkuma uffatetti abbaa cinaa taa’e. Gooftan keenya iyyasuus kiristoos jaalala keenyaa jecha foon keenya uffatee waan deddeebi’eef; arrabfamee,dhoobatee,beela’ee rakkatee, dhibamee, ayhuudonni jibbaan ennaa arrabsan obsee,nu gammachiisuuf gaddee, nu miidhagsuuf fokkisee, mana nuuf ijaarun ofii ala bulee, hojii foonummaatinis haadhasaa dubroo maariyaamii gargaaraa, amala foonummaas agarsiisaa ture. Iyyasuus kiristoos gara biyya lafaatti ennaa dhufu/ennaa dhalatu/ haalli addunyaan irra jirtu. Kiristoos ennaa dhalatu biyyi filisxi’eem akkuma biyyoota baha giddu-galeessaa, Aafrikaa kaabaa fi biyyoota Iisiyaa xixiqqootti gabrummaa /bittaa/room jala turte. Saboonni ishee keessa jiraatanis garee amantaa fi siyaasaa qoqqoodame keessa turan.gareewwan amantaa kaneen keessaa guguddoon;Eesseewota, fariisaawota fii saduuqaawiyaanota turan. 1,.fariisaawota/ፈሪሳውያን/ Fariisaawonni jecha ibraayisxii<<paarash>> jedhurraa kan dhufee yoo ta’u Hiikni isaas kan adda ta’e jechuu dha. fariisaawonni kun Hagamuma illee bittaan gabrummaa itti deddeebi’uun ifachiisullee <seerri fii Aadan keenya akka hin tuqamne, amantaanis taanan seerota muuse fii kitaabota raajotaa/የነቢያትን መጻሕፍት/ kan eegnu nu qofa warroota jedhan turan.akkasumas afaanin qofa seera kabajdoota fakkaatanii kan muul’atan,akka isaan jedhanitti kan hin deemne yoo argan murtiitti kan dhiyeessan turan.kanaaf saba ayhuudotaan ala saboota jiraniin Aada fii guddinaan walitti dhiyaachuu akka cubbummaatti /እንደ መርከስ/,akka seera waaqayyoo daddarbuutti ilaalu ture.dhufaatii masiihichaas/የመሲሁንም መምጣት/dadammaqinaa fii jajjabummaan eegachaa turan. <<masiih>> jechuun dibamaa, fayyisaa, qulqulluu ykn iyyasuus kiristoos jechuu dha.Sababni isaanis biyya isaanii filisxi’eem bittaa room iirraa gad-lakkisiisuf abdii bara dheeraa of keessaa waan qabaniifi. Masiihichi yommuu dhufu humna lolaa dhaabee dursaa/hayyuu lolaa/ta’ee gabrummaa roomaanotaa jalaa nu baasa jedhanii amanaa turan. Du’a ka’uumsa boodas jireenyi foonii jira jechaa amananillee du’aa ka’uumsa ni amanu. Beekumsa ga’aa kan qabanii fii iyyeewwanis turan.
2.Saduuqaawiyaanota /ሰዱቃውያኖች/
Saboonni kunneen faallaa fariisaawotaa turan. Gareen isaanitis garee dureessotaa fii garee kaahinaatotaa ture.waa’ee amantaa fii seera waaqayyoof rakkoo kan hin qabne ture. Roomaanota waliinis waliigaltee uumun angoo isaanittis fayyadamuu warren barbaadan turan.kitaabolii amantaa keesaayis kitaabota seera muusee qofa fayyadamaa turan.akka itti fakkaatettis hiikkachaa turan waan ta’eef du’aa ka’umsatti, afuura qulqulluutti fi bara booda namni akka hojii isaatti murtii akka fudhatu hin amanan turan. Mat.22:23 seer-iirr-deebii/ዘዳ/.25:5-10 hoj-duuk.23:8 mar.12:19 luq.20:28 ::
3. Eesseewota/ኤሴያውያን/
Jarreen kun immoo garee mannaanotaa/የመናንያን ማህበር/ykn warra addunyaa tuffachuun gadaamii keessa turani. fariisaawota waliin Yaadan waliigaltee dhabuun irraa kan fottoqanii dha. Idoo kumraan jedhamtutti galaana muut /garba soogiddaa/ Akkasumas garba loox maddiitti gadaamii tolfatanii kan jiraatan turan./ገዳም ገድመው ክርስቶስ ሲመጣ በታምራት ከጠላቶቻችን እጅ ነጻ ያወጣናል ባዮች ነበሩ፡፡ በገዳማቸውም በጾም በጸሎት በትህትናም የሚኖሩ ነበሩ፡፡
Gilgaala
1.Iyyasuus kiristoos eessatti dhalate, biyya kamitti dhalate, haalli biyyi lafaa irra turte maal fakkaata??? 2.Bara kana keessa gareewwan amantaa guguddoo meeqatu biyyattii keessatti argama ture.
1.3-iccitii cuuphaa/ምስጢረ ጥምቀት/
ጥምቀት፤‹‹አትመቀ/አጠመቀ/››ከሚል የግእዝ ግስ የተገኘ ሲሆን ፍቺዉም መነከር፤ መጥለቅ፤ መዘፈቅ፤ በዉሀ ውስጥ በስመ ስላሴ መዘፈቅ ማለት ነዉ፡፡ akkuma sila ibsame cuphaa jechuun:- maqaa tokkummaa waaqayyoo/sillaasetiin/bishaan keessatti cuuphamuu jechuu dha. Cuuphaan iccitii ijoollummaa sillaasee ittiin argannuu fii cubbuu addaamirraa dhaalle kan ittiin dhiqannuu dha. የጥምቀት አስፈላጊነት/ጥቅም/